LALISAAN EENYUU?

LALISAA INDIRIS Eenyu?

L3
Qeerroon Dargaggoon kun akka maatiisaarraa baratetti akka itti aanu kanatti maqaasaa himachuu danda’a. Lalisaa Indiris Adam Haayimad Muusaa Alii Birmmajjii Waaqoo Doorii Tulluu…..Akka lakkoobsa warra Habashaatti 1987 ji’a 10ffaa keessa guyyaa gaafa 3 Godina Wallagga lixaa aanaa Laaloo Assaabiitti Abbaasaa Obbo Indiris Adam Haayimad fi haadhasaa aadde Geexee Taaddasaa Dheressaa irraa dhalate. Lalisaan kara abbaasaa hidda Baarentummaa sanyii warra Yajjuu kan yeroo ammaa kana Oromiyaarra achi hiiqanii jiraatan saba dhiignisaa Oromoo ta’ee uummata kaabaa gidduu jiraatu, saba afaan Oromoo waggoota 80 oliif afaan federaalaa Bulchiinsa Gondar durii gochuun bulchee yeroo ammaa kanamoo sirna nafxenyaan koloneeffatamee jiru hidda saba Yajjuu qooddatee, kara haadhasaammoo Boorana keessaa hortee warra leeqaa qomoo Abboonnoo jedhamu keessaa dhalte. Lalisaan maatiisaaf ilmoo 3ffaadha.Obboloota 2 qaba. Isaanis Amaanuhel Indiris fi Caaltuu Ibdiris jedhamu. Maqaa dhalootaa Lalisaaf moggaafame haarmeen abbaasaa ykn Akkoonsaa Ayyaantuu waan taateef jifuu naqxee seera hunda guutuun ayyaana ilaaltee Lalisaan ayyaana Arbarra dhalate jechuun “Nuuressaa” jettee moggaaste. Maatiin Lalisaan keessaa dhalate akkoosaan alatti amantaa musiliimaa waan ordofaniif maqaa Nuuressaa jedhu gara afaan arabaattii harkisuun “Nuuree” jechuun waamuuf mijeeffatan.

Silaas waan namni akeeke caalaa kan waaqayyo yaade waan raawwatuuf Lalisaan dhalatee ganna tokkoof ji’a jahaaffaasaatti walitti bu’insa maatii gidduutti ta’een Abbaafi haati Lalisaa fuula jaarsolii biyyaa duratti wal hiikuun gargar ba’an. Abbaansaa obbo Indiris yeroo sanaa eegalee waan biyya ba’eef Lalisaafi obboloonnisaa filannoo jiraachuu haadhasaanii wajjin godhachuun jireenya itti fufan.

Yeroonis jijjiramtee umuriin ijoollee gara dargaggummaatti kan dargaggoommoo gara jaarsummaatti siiqaa akkuma deemeen umuriinsaa barnootaaf geenyaan ALH tti bara 1993mana barumsaa olmaa Daayimmanii magaalaa Innaanggoo seenuun barnoota eegale. Turtii waggaa lamaa boodas 1995 Eessumnisaa Obbo Abdataa Dhabsuu gara mana barumsaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Innaanggoo geessuun maqaasaas Lalisaa jechuun kutaa 1ffaatti galmeessanii deebi’an. Lalisaanis yerosirraa eegaluun barnootasaa idilee itti fufuun sadarkaa dareetiin giddu galeessa ta’uun gara kutaa 2ffaatti darbee. Bara itti aanus barnoota eegalee rakkoo hawwaasummaa harmeesaa quunnameen barnoota addaan kutuuf dirqame.

Waggaa tokko duubatti hafuun bara 1997 kutaa 2ffaa galee barnoota itti fufe. Ergasii as gargaarsa tokkittii harmeesaan utuu barnoota addaan hin kutin bara 2003 manuma barumsaa sanatti qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa qoramee qabxii gaariin gara kutaa itti aanutti darbe.

Lalisaan akkuma sadarkaan barnootasaa dabalaa adeemee dandeettiin yaaduufi gocha hawwaasa naannoosaatiirratti rawwataman xinxaluus jabaachaa dhufe. Keessumaa filannoo biyyaalessaa bara 2002 guutuu xoophiyaa keessatti adeemsifamerratti paartiilee mormaa magaalittii keessatti of beeksisuuf dhufan irratti gocha bulchitoonni aanaa laaloo assaabii nama itti bituun namoota paartiilee mormaa bakka bu’uun dorgomuuf dhufan reebsiste argee umurii ijoollummaan inaaffaan biliisummaa saba Oromoo keessasaa buluu eegale. Sadarkaa barnootaa erga kutaa 9 gara kutaa10 tti darbees bilchinni yaadaasaa gabbataa yeroo dhufu kitaabota Asoosama Afaan Oromoo ergifatee dubbisuu eegale. Dandeettii keessasaa jirus dafee waan hubateef yeroma barnootaan sadarkaa gadiirra jiruyyuu walaloofi baacoowwan addaa addaa dareefi hiriira mana barumsaarratti dhiheessa ture. Itti gaafatamaa gumiiwwan addaa adda ta’unis yeroo garaa garaatti mana barumsaasaa tajaajileera. Dhaabbata amantaa Adiveentistii jedhamu keessattis Sambata fi ayyaanota garaagaraarratti walaloo dhiheessaa ture. Bara 2004 ayyaana daayimmanii sababeeffachuun walaloo mata dureensaa”GAA’ELAAFI QABEENYA” jedhu har’a lubbuun jiraachuu baattus hiriyaa akka obboleettiisaatti jaallatu durbee Ayyaanee Birruu faanaa amantoota fuulduratti dhiheessuun kolfaaf bo’ichaan garaa amantootaa raasaniiru.

Lalisaa bara 2005 qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa qoramee qabxii gaarii gosa barnootaa sadiin (Herrega, Seenaa, Jihoogiraafii) A yeroo fidu gosa barnootaa Afaan Oromoon B kanneen hafaniinimmoo C fiduun gara kutaa itti aanutti darbe. Akka lakkoobsa Habashaatti 2005 kaasee sadarkaan guddina oogbarruu Oromoo safisaa yeroo dhufuu Lalisaanis kitaabota Afaan Oromoo bara sana dura dubbiseen alatti; kitaabota haaraa heedduu arguu eegale. Maarree “lafa qalbiin jirtu miilli namaan dhaqa” jedhu mitiiree gaafa mamnaakan. Lalisaanis baruma sana kitaabota adamsee dubbisuu itti fufe. Hayyuu warraaqsa oogbarruu Oromoo keessatti yoomuu hin dagatamne Barreessaafi Barsiisaa Beekan Gulummaa wajjinis kara midiyaa hawwaasummaa facebookii wal quunamuu jalqabe. Barsisaa Beekan Gulummaas siha heedduu gorsaafijajjabinni isaan namaaf laatan isa barreessuuf yaadaa qabu utuu hintaane isa A B C D qubee Oromoo hin beekneyyuu barreessi barreessi godha. Lalisaas gorsiifi jajjabinni hayyuu kanaa akkanni waa barreessuuf kakaasnaan kitaaba asoosamaa mata dureensaa “Dhangaa summii makate” jettu barreessuu eegale. Ammas lammatarratti kitaaba fuula140 “DHIDHIIBBAA CABA DABALE” jettu barreessee xumuree waggaa tokkoof erga of harka tursee si’a heedduu diigee ijaaree booda Barreessaa Beekan Gulummaatti bilbiluun mariisise. Isaanis barreeffama sana Email ofii isaanirratti ergee akka gulaalaniif gurra isa buufnaan barreefamasaa sana marrummaan kompiteratti naqachuun garasaaniitti ergate. Beekanis kitaaba Lalisaa sana Barreessaafi ogeessa seeraa Galaanaa Dheeressaa waliin ta’uun gulaalanii xumuranii akkanni qarshii maxxansaa qoopheeffatee hojii maxxansuutti seenu itti himan. Innis gargarsa Obboleettiisaa Caaltuufi firootasaa akkasumas deggersa liqii manni maxxansaRaajii goodhefiin 2007 ji’a 4ffaa keessa barataa kutaa 12 ta’ee utuu jiruu kitaabasaa kana maxxansiisuun xumuree gabaarra oolche.

Garuu maal godhuree “bara milkaayinaa danqaatu sagaltama” jedhu mitiiree kitaabni Lalisaa utuu gabaarra hin oolin suuraa qola kitaabasaa miisiyaa hawwaasummaa facbookirratti arguun bulchitoonni aanaasaati akkanni hin baranneef dorsisa cimaa isaaf haadhasaarratti geggeessu eegalan. Yeros Lalisaan waan malatu wallaalee tabjaajjahu eegale. Dorsisnis kan duraa caalamaa itti dabalaa dhufnaan barsiisonni isa jaallatan qophaatti isa waamuun “yoo as jiraatte si ajjeesu kanaaf amma warqaa geggeessaa dhoksinee siif baafnaati asi deemii iddoo biraatti baradhu” jechuun gorsan. Innis yaada kana harmeesaa mariisisee waraqaa sana fudhachuun ollaa magaalaasaanii kan taate mana barumsaa Adiveentistii Dongoroo tti jijjirratee ademe. Erga achi ga’ee haala hunda xumuruun barnoota itti fufee guyyaa 2 barateen booda kitaabnisaas gara Oromiyaa lixaatti raabsamtee gurguramuu eegalte. Bulchitoonni biyya Xoophiyaa sadarkaa gandaarraa kaasee amma sadarkaa olaanaatti wa’een guddina Afaan oromoo yeroo ka’u mata dhukkubbiitu itti ka’a.Yeroo sirbi ykn kitaabni afaan Oromoo tokko maxxanfamu faayidaafi waangaarii isaarra taruun gurrasaanii qeensanii waan mootummaa qeequufi gocha hamaasaanii ifatti mullisuu sakkatahuun barreessaa ykn weellisaa sana adamsanii akka waan dhaloota qubee hunda hidhaniitti yaaduun mana hidhaatti isa darbatu. Yoo fedhanis barnootarra isa harihuu. Lalisaas gochuma kanatu irratti raawwate. Mana barumsaa inni itti jijjirate hordofuun xalayaa Lalisaan shororkeessaadha waan ta’eef yoo badiin geggeefame mana barumsichaatu itti gaafatama’ jedhu waajjira dhaabaa DHDUOrraa mana barumsaa inni itti barachaa jirutti ergame. Manni barumsaa Adiveentistii Dongoroos yeroo sanaa eegalee akka Lalisaan mooraa sana gad lakkisuuf dirqisiise. Lalisaanis imimmaamsaa lolaasaa moorichaa ba’ee fuulasaa gara biyya dhalootasaatti naannefate. Yeroo Innaanggoo ga’us hidhamuuf humna tikaan barbaadamaa akka jiru baree lubbuusaa olfachuuf sababa afaan Oromoon kitaaba barreesse qofaaf adamoo jaroota kanaa baqatee gara finfinneetti barnoota addaan kutee baduuf dirqame. Erga finfinnee ga’ees biyyaa afaaniif nama beeku hin qabne keesaatti rakkoo heedduu dhamdhamachaa qarshii kitaabumasaa gurguratee argatuun ciniinatee jiraachuu itti fufe. Bara namatti jige bishaantu muka namatti yaaba jedha Oromoon. Lalisaa rakkoosaa kana ilaalees rakkinni garaa hin laafneef kitaabasaa ija 200 utuu ambootti erguu karaarratti humna tikaan jalaa saamame. Maal kana qofaree konkolaataa awutoobisii guddaa bara 2007 finfinneetii gara Dambi Doollootti utuu imaluu Jaajjiifi Geedoo gidduutti galagaluun lubbuu nama heedduu galaafate sana keessattis kitaabonnisaa jalaa babbadaniiru.Akkuma akkasaatti jireenya hadha’aa dhamdhamaa turtii finfinnee keessa jiraachuu itti fufe. Al tokko tokko darbee darbee hayyucha dhaloota qubee Beekan Gulumnaa bira dhaquun bira tutture gorsaafi jajjabina hayyuu kanarraa dhagahuun amileesaa xuqatee akka deddeebi’aa ture afaansaan ni hima. Kitaabni Lalisaan maxxansiise sun”DHIDHIIBBAACABA DABALE” jaallatamummaa guddaa argachuun turtii ji’a 2 gidduutti gabaarra dhumnaan abbaa qabeenyaa mana maxxansaa Raajii dargaggoo Rooberaa Hinsaramuu ammas qarshii muraasa akka eeggatuuf abdachiisee kitaaba sana akka Lalisaan irra deebihuun maxxansuuf jajjabeesse. Kitaabni sunis yeroo lammaffaaf maxxanfamtee gabaarra dhumte. Lalisaanis rakkoofi harihannaa mootummaan sababa Afaan Oromoon barreessuusaa qofaaf irraan geeseen utuu amileesaa hin laafisin.Qabsoo eegale kana xumuruuf barnoota malee akka hin dandaamne amanuun deggersa waaqaafi barsiisota inaaffaan dhugaa keessasaanii jiruun waggaa tokko booda barnootaatti deebihuun yeroo ammaa kana irra deebihee kutaa 12ffaa barachaa jira. Akkasumas kitaaba fuulduratti gabaarra oolan heeddu of harkaa qaba. ….
Itti fufa……

Qindeessaan: Beekan Gulummaa Irranaa ti!

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

3 thoughts on “LALISAAN EENYUU?

  • April 11, 2016 at 7:39 pm
    Permalink

    Seenaa dhugaadha! Lalisaan hiriyaakoo nuti ijoollummaa waliin dhamdhamannee guddannedha! guddina har’a irra jiru kanarra ga’uun isaas hedduu na boonsa! Beekan atis goota galmeen seenaa hin daganneef sammuu sabaa keessaa yoomuu hin bannedha! seenaa ati hojjetaa jirtu nu boonsa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

    Reply
  • May 8, 2016 at 5:13 pm
    Permalink

    sabboonaa ko jabaadhu guyyaan ifa itti baanu nii dhufaati?

    Reply
  • December 15, 2016 at 8:20 am
    Permalink

    guddaa galatoomi. dhaloonni ammaa kun wal qabanee afaan keenyaa addunyaa irratti beeksisuu qabna.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.