GALMA MOOTII YAABDI

GALMA MOOTII YAABDI
———————————
Jireenyi addunyaa – martisaa qormaata
Namnuu kana laalee – kirkiree sodaata
.
Dursa dachee qori – ni geessas waaqarra
Dafqan malee hin taatu – jireenyi lafarraa
.
Dhama’anis baay’ee – kan facaasan haamu
Ibsaan dhugaan ifu – afarsanuu hin dhaamu
.
Tabba gubbaa ba’i – eela keessas bu’i
Harka osoo hin kenniin – wareegamii du’i
.
Hunduu dhufee bada – isa kamiif nahu
Tokko lama jechaa – miliyoona gahu
.
Of hin tuffatiin – atuu dhimma baafta
Akka tuuta goondaa – leenca rafe kaafta
.
Lootuun xiqqoon sunuu – galma mootii yaabdi
Guyyaa tokko kaata – hin kutatiin abdii !
===
Kaanenus Kaasaa Baayisaa tiin

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

2 thoughts on “GALMA MOOTII YAABDI

  • April 10, 2016 at 6:16 am
    Permalink

    bayeessa,akkanumaan itti fufi!

    Reply
  • April 10, 2016 at 8:02 am
    Permalink

    FUULA marii bareedaadha hayyoota oromoo biyya jiraniif haalaan haa qoodamu. Waan keessa isaanii irratti haa dhibaasanii…

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.