NUUNNUU fi ADAREE

NUUNNUUFI ADAARE’rraa

Dhaamsa karaa keessaa naqaqqabe kana dubbisaa adaraa….ijoolleen naannoo sana jirtan duukaa bu’aa hordofaa adaraa…

Qeerroon fala fidan!

Harka fuune!! Jirtuu warra Harvard? Ameerkaan nagaa dhaa? Mooraan Harvardihoo? Nujalaa baduun keessan nutti dhaga’amullee waa’ee qe’ee keessanii odeeffannoo yeroo sin dowwannee qofaa keenya yoo dhageenye doqna waan nufakkeessuuf waa xiqqoo siniif haa qoodnu.

Gurbe, barana qeerroon nuunnuu fala fide. Atam fala fide? Jetteeree?

Magaalaa Adaree haala jeequmsa mormii sababa “Maasterpilaanii qinda’aa” Oromiyaa keessatti godhamaa jiru ilaalchisanii ummata mariisisuuf walitti qaban. Ummannis waamicha godhameef bu’uura godhatee magaalicha irratti argame. Dabballoonnis argamuu ummataa tti gammaduun mormiin gaggeeffamaa jiru gocha farreen nageenyaan godhamaa jiru waan ta’eef akka yaada deggarsaa kennan hololaa isaanii wayita eegalan tokko harka baasee isin hanga yoom itti nusobdu jedhe. Sana booda ummanni hundi harka rukutee. Waldhibdeen uumamuun walgaa’iin dabballoota bakka taa’umsaatti dhiisuun gara mana manasaatti deebi’e. Borumtii isaa bulchaan aanaa biyyi nagaa dha jedhee akkuma duriin doorsisee namoota sirreessa jedhee wayita dhaqu ummanni qophaa’ee isa eegaa jiru itti yaa’uun bulchaa sana qabachuun herga jilbeenfachiisanii booda gaaffii akkas jedhu gaafatan” unu ummata kee fi Dhaaba kee keessaa tokko Filadhu” jedhan innis yeroon waan itti dukkanuuftee filannoo koo isin ummata koo ti jedhee harkaa ba’e.
Herga nufilattee unis filannoo kee fudhanneerra jechuun egaa uni lafa adeemne waan hunda raawwachaa jirraa konkolaataan sihinbarbaachisu egaa jechuun konkolaataan isaa gubuun gatii ala godhan. Kana qofaa miti magaalaa Adaree keessa Odaa waajjira keessan gachisiisutu jira waan ta’eef waajjirri keessan hinbarbaachisu jechuu hirbaata ibiddaa godhan. Maal kana qofaa! Seerri, labsiin, dambii oromoo durii kaasee laphee hangafoota keessa kan jiraachaa ture, yoo murtee kennuu barbaade, yoo barsiisuu barbaade fi kkf yoo gochuu barbaade galmee galagalchuu utuu isa hinbarbaachisiin sammuu isaa keessaa fuuchuun fayyadama. Kanaafuu, sanadoonni waraqaan qabaman hundi gadi bahee haagubatu kan jedhame haala fakkaatuun kaabineetota keessaa gadi yaasuun guban.

Hundaa ol dubbiin odeeffannoo naannoo kanaa kan naannoo biroo irra caalaa ajaa’ibsiisaa godhe: qaamni nageenya aanichaa sochii ummataa kana dhaabuuf humna loltuu waammachuun ummata nagaa fi rakkoo qabu utuu adda hindabsiin tarkaanfii adabbii qaama fudhachuu eegale. Reebichi kun haala suukkanneessaa ta’uu irra iyyuu manguddoota firoota warra loltuu ummata tti waamanii rukutuun jalqaban. Sanabooda I/A/dur ta’aa dhimma nageenya aanichaa kan ta’e Nagaa Asaffaa Raagaa namni jedhamu loltootaan akkas jedhe “maaloo Manguddoo hinrukutiinaa!, uni warreen farra nageenyaa tti isin waamne malee ummata nagaa reebaa hin jenne “ jedhe. isa booda isuma garaan ciibsanii herga reebanii booda achi gatanii darbanii booda namoonni achi isa kaasuun hospitaala galchan. Wanta kamiyyuu caalaa kan nama ajaa’ibsiisu qaamoleen dhimma nageenyaa hoogganan lotuu waamanii erga ummata reebsisanii booda gatii reebichaa (durgoo reebichaa) loltootaaf kanfaluu waan dadhabaniif humni loltuu aanichaa dhufe ammoo dabareen ken keessani jechuun ittigaafatamtoota aanichaa (Nagaash Alamaayyoo (I/G/Dhimma Nageenyaa, bulchaa aanaa dabalatee) bakka buufata isaaniiti waamuun garaan ciibsanii herga tumanii booda gadi baasani gatan. Dubbiin kun reebamuu qofaan kan hafe utuu hintaane qaamni hooggansa oliis attam gatii loltoonni kun ittiin uummata reeban dhowwattan jechuun 1ffaa hooganaa dhimma nageenyaa kan ta’e Nagaash Alamaayyoo fi 2ffaa. itti aanaa isaa Naggaa Asaffaa Raagaa aangoo irraa ari’uun bakka isaanii 1ffaa. Barsiisaa Shifarraa Galataa (nama ajjeesuun muuxannoo kan qabu) hoogganaa, 2ffaa. Fiqaaduu Kuburaa (nama ajjeesuun rikoordii kan qabu) muuddatan.


Utuu lubbuun jiranii halagaan salphachuun garbummaa lammeessoodha!!

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

Leave a Reply

Your email address will not be published.