Asoosama Gabaabaa- Barreessaan: Hamzaa Jemal Mohammed

Wareegama Jaalalaaf Siidaa ta’e!


Aduun gubuu irra taree rifeensa mataa ciinceessee hidda dhiigaa bokoksee gogaa irraan ol yaasee humna fudhatee kan qaama
namaa laamsheessuudha.
Karaa deemtoonni sadeen beelaa fi aduun dadhabanii hamma dirqamaan harkifaman tarkaanfatu. Kaleessas, har’as, dheengaddaas, boriis deemuu qofa deemsa him xumuramnee fi kan jalqabamuun isaa nama gaabbisiisuudha.

“Kiristoofar Kolombos illee karaa dheeraa nuffii malee osoo lafa hin argin bishaanii fi waaqa ilaalaa obsaan deemee booda biyya guddittii
sana arge mitii?” Jedhee mataa isaan ofii isaatiif.

Moosisaan of duuba garagaggalee hiriyoota isaa ilaalaa dhaabbatee eege. Sambatoon akka saree aduun dhahaa ooltee bishaan dheebotteetti lukluka. Iftuun mudhii ishii huccuudhaan hidhattee mataa ishiis marattee jirti. Namni guyyaa muraasaan dura beeku osoo argee ishiidha hin jedhu gogaan ishii diimaan lallaafu
sun magaala’ee qoree baasaa jira.

Iftuun sanbatoo caalaa dadhabdee miilli isii lamaan wal rukutaa mormi isii raafamaa kan kutuuf jirtu fakkaatti. Sambatoo fi moosisaan waan xixinnoo gateettii irratti baatanii waan kittaa irratti uffatan baafatanii mataa isaaniitti marataniif adda addummaa bifa isaanii malee wal fakkaatu.

Moosisaan “maa! anaaf warraa? Iftuun karaatti hafuu isiiti” jedhe yaada gaddaatiin abdiin isaa dukkanaa’ee ijji isaa imimmaaniin guutamee jireenya isa baqachaa jiru of duuba naanna’ee yaadachaa.

Moosisaa fi Iftuun hiriyyummaan turanii jiru. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti wal baran iftuun intala sooreessaa waan taateef itti toleeti jiraatti. Moosisaan garuu warra waan nyaatanii bulan illee him qabne irraa dhalate. Jireenyi isaas kan rakkinaan guutameedha rakkinni ykn hiyyummaan warra isaa garuu kan isa cimsu malee kan isa gufachiisuu fi kan hamilee isaa laaffisu hin turre barumsa isaattiis cimaadha. Iftuun cimina isaa fi hiyyummaa isaa walumatti
qabdee jaallatte. innis kan qoostu itti fakkaatee amanuu didullee garuu booda irratti jaalalti ishee kan dhugaa ta’e.

Dardarri warri ishee filaniif kan dhalootaa fi qabeenyaan isiin qixxaatu tokko mana isaaniitti deddeebi’a. Itti haasa’uu fi ofitti qabuu fedha. Iftuun garuu yeroo inni dhufu mana dhiistee
baati ykn mana hirriibaa isii cufattee rafti. Booda irratti moosisaa mana fiddee isaaniin wal barsiiste. Warri ishiis itti aaranii “isatti
heerumtee umrii kee guutuu daaraa nyaachaa daaraa taatee jiraachuu feetaa? Gaddeebituu!” Jedhanii arrabsan.

“Ani jaalala malee akka isin jettan qabeenyi ana hin gabroomsu. Jireenyi kan namatti tolu yoo jaalala of keessaa qabaate malee qabeenyi jiraateefii miti. Moosisaan hiyyummatti hin hafu sammuu banaa fi cimina waan qabuuf boru soorummaan yoo hafe illee of jiraachisuu hin dadhabu. Qormaata isa olaanaa yoo darbuu
baate kanuma kufee hafu seetan mitii?” Jettee aarte warri isii jaalala isiif qaban kan irraa fudhatanii tuffatanii cunqursan itti fakkaate. Waggaa dhufuttiis moosisaan qormaata fudhachuuf qophaa’ee iftuuniis horii warra isii irraa argattuun gargaartee qormaata fudhate. Garuu hin taane qabxiin fide warra galgala
horiidhaan barsiisuu danda’uuf malee rakkataa akka isaatiif kan ta’u hin turre.

Ni aare rakkina warra isaa yommuu argu sammuun isaa boqonnaa dhabde inni yoomiyyuu gargaaree akka hiyyummaa keessaa hin baasne hubateeti biyya dhiisee godaanuuf murteesse.
Hiriyaan isaa sambatooniis yoo hamma isaa rakkataa ta’uu baatees garuu akka waliin godaanu mirkaneesseef. Horii barbaachisu
argachuufiis dhakaa baatanii horii kuusuu jalqaban.

Moosisaan yaada isaa kana iftutti himee akka obsaan eegduu fi gaafa waan tokko irra ga’ee jiraachuu danda’e akka qunnamu itti hime.
Iftuun garuu ni dheekkamte “hin ta’u! Hangasitti eeguu hin danda’u. Warri koos sooreessatti na gurguruuf asii fi achi jedhu. Yoo ati deemte na gurguratu ykn na ari’atu kanaafuu si biraa hin
hafu” jetteen.

O!o! Obsi malee giiftii koo ati hin dandeessu. Geejjibaan booda miilaan karaa fagoo deemna. “Akka namoonni anatti himan yoo ta’e si dhiisii anuu kaniin deemee ga’u natti hin fakkaatu”
jedhee sodaachisee achumaan sossobuuf yaale.

“Haa ta’u! Yoon dadhabe godatti kufee maaliif hin hafne?” Jettee deebisteef hamma dandeessu deemuuf kutattee.

Moosisaan balaa isii irra ga’uu danda’u yoo beekees gaddisiisuu hin feene. Jaalala isaaf qabduufi walitti bu’iinsa warra isii waliin gotee fi
sababii isaatiin taa’oolaa (irbu dibeessa) ta’uun isii akka fudhatee deemuuf isa dirqisiise.

Sambatooniis deemsa iftuu ni morme “karaatti dadhabdee ofiifiis osoo bakka yaadde hin ga’in nuyis gufachiisti kanaafuu deemuu hin qabdu” jedhe.

Iftuun garuu “mormi koo haa citu malee hin hafu.” Jette. Horii sababii sababiitiin warra isii irraa guurtee kuustee deemsa miilaatiif kan tolu huccuu ispoortii gurraachaa fi kophee isaaf tolu
qopheessitee yeroon deemsaa ga’ee sagantaan ba’ee hamma moyyaaleetti geejjiba argameen deemanii miilaan gara keeniyaa ce’uuf walii galan.

Moosisaan warra isaatti himee isaaniis itti booyaa, kadhataa, dhiisee ba’e. Sambatoon garuu xalayaa “Ana hin barbaadinaa” jettu
barreessee dhiiseefii ba’e. Rakkina mudate dabraa geejjibaan hamma moyyaalee deeman. Yeroo achi ga’an sadanuu ciccimoo turan fuula isaanii irrattiis abdii fi kolfaatu dubbifama.

Ganama barii deemsa jalqabanii haasa’aa kolfaa tiratu. Moosisaan garuu sodaatee jira iftuun yoo har’a deemaa oolte boru dabaluu isii shakkee seenaa intala ollaa isaas yaadate.

Intalti gurbaa gurraacha tokko (nama Afrikaa) irraa jaalalti qabdeetu duukaa biyya isaa deemuuf kaate. Gurbichi ennaa biyya isaa ga’u “Deemi Ana Biraa” jedhee ari’e. Booda asii fi achi jechaa kan jirtu rakkattuu akka isii waliin wal arkitee gara biyya ofii deebi’aa osoo jiranii dadhabdee karatti duute hiriyaan isiis magaalaa
dasee keessatti dalagaa hin taane irratti bobbaatee teessoo dursitee itti himteen warraisiitiif xalayaa barreessitee du’a intala isaanii
eega itti himte booda “maaloo biyya ofiitii ba’uu hin hawwinaa biyyaa ba’uu mannaa ija dunuunfatanii boo’atti of darbachuu wayyaa” kan jetterraa yaada karaa dheeraa deemuu isaanii
hubate.

Iftuuniis hamma humni isii dhumutti deemuuf kitachuu isii dinqisiifate. Kan edge CAALAA jabaattee arge galaa qabatan nyaatanii bishaan dhuganii hamma dukkanni bakka dhaalee karaan itti mul’achuu didutti deemanii karaa bulan.

Barii taan Oslo dadhabbiin kaleessaa hin lakkisiin bariin ka’anii deemsa jalqaban. Galaan qabatan xinnaa ture in dhume “karaa
irratti nyaata argannee bitanna” jedhanii turan karaa irratti nyaanni has hafuu namninuu hin jiru.

Horii baay’ee qabatanii beela’uu fi dheebochuu qaban “amma iddoo ta’e geenyee waa arganna” ABDII duwwaatiin tiratu.

“Jabaadhu iftuu amma iddoo tokko geenyee bishaanii fi dhangaa argannaa jabaadhu maaloo” jedhee moosisaan fuula isaa gogoncooruu qabe irratti ijji isaa imimmaaniin guutamee jeeqame
dadhabbii isaa irratti dadhabbiin iftuu kan caalu dadhabsiisee “sambatoo xinnoo haara haa galfannuu iftuun dadhabdee kufuuf jirtii” jedhee iftuu hammatee teessise.

” Jabaadhu kaayyoon keenya kaayyoo kolombosi siin jedheen three mitii? Akka isaa dadhabbii booda bakka yaanne ga’uu qabnaa jabaadhu” jedheetiini hidhii isaa kan dheebuu fi hoo’aan gogeen gad jedhee dhungate.

Sambatoon lafa akka sibiila ibiddaan diimeessaniitti nama gubu irratti diriirfatee dugda isaatiin ciise. Moosisaan qoodaa bishaanii keessaa bishaan xuxxuruursee qarqara huccuutiin cuuphaa adda
isii fi laphee isii irra qaqqabaafii osoo jiruuti kan gaafa tokko daree keessatti dhukkubsatte yaadate.

“Edaa dhukkuba dadhabbii rukuchaa onnee qabaachuu isii anatti himtee turte ” jechuudhaan sodaan itti dhagahame. Iftuun dadhabaa deemte malee dammaqxee ol ka’uu hin dandeenye moosisaan harka isaatiin hiixatee sambatoo sochoose. Sambatoon utaalee “iftuun hamma kana dadhabdee jirtii?” Jedhee gaafate IJA sukkuummataa “eeyyee maal wayya? Kana caalaa dadhabaa jirtii” jedheen moosisaan.

“Qilleensa ta’aa laata?” Jedhee gaafate sambatoon.

“Miti hafuura qabdi lapheen isii garuu rukutuu kan dhiise fakkaata miilli isii immoo baay’isee qorra wayyoo anaatu ajjeese mitii? Ykn bakkaan yaade hin geenye isiis dhabee kaayyoo koos dhabuu kooti” jedhee imimmaan isaa irratti coobse…


Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

5 thoughts on “Asoosama Gabaabaa- Barreessaan: Hamzaa Jemal Mohammed

  • May 15, 2016 at 5:44 am
    Permalink

    ERGAAGUDDA OFII KEESSA QABA ASOMANE BAREESSATE GALTOME.

    Reply
  • May 19, 2016 at 4:06 am
    Permalink

    Seena bashanansiisa,nama barsiisuudha….!! garuu bay’ee gara nama nyaata.barnoota gudda qaba adeemsa qabsoo oromoo walinis waal fakkaata turee,amma garuu qabsoon oromoo dhaloota qubeetin daran fininaa waan jiruuf tokkummaa bira taree gara bilisuummaatti dhiyaacha jira,galatni gootota keenya kalessa darbani fi dhaloota qubeetif yaa tahuu……bareessichis hori nuuf buli umurii dheeraa…!!

    Reply
  • June 27, 2016 at 2:45 pm
    Permalink

    Asoosamni kun baay’ee baaredaadha waarri nuf guumachiitaa galatooma!

    Reply
  • November 18, 2016 at 5:06 pm
    Permalink

    Haalaan natti tolee jira. jabaadhu si waliin jirraati.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.