DHIIFAMA moo NAGEENYA?

GadaaGadaa Gebreabin (Tesfaye Gebreab)

DHIIFAMA moo NAGEENYA?

Haasaan Muummichi Ministeeraa Haylamaariyaam Dassaalany kaluu godhan kan baay’ee wal nama mormisiisudha. Fincila Ummata Oromoo waliin walqabatee ammaan achiin rakkoo kana kan uume nama biraati jennee quba keenya garee kan biraatti qabuu dhiisu qabna jechuun isaanii waan hin baratamini. Rakkoon dhalate kun gaafii ummataatif yeroodhaan deebii kennuu dadhabuu keenyarraa kan maddedha jechuun isaanii sadarkaa tokko ofduratti tarkaanfachuu isaanii kan agarsiisudha. Rakkoon rakkko bulchiinsa gaarii irraa madde jedhanii ibsuun isaanii baay’ee nama ajaa’iba. Waan dhalate hunda ibsuudhaan erga dogongogara raawwatan amananii booda, balaa qaqqabeef dhiifama gaafataniiru. Dhiifamni isaan gaafatan kun kan mormaa oliiti moo isa onneerraa madde kan jedhu yeroodhaaf beekuu baannus, dhiifama gaafachuun mataan isaa qaroomina ta’uun isaa beekamaadha.

Mee gadi fageenyaan dubbicha haa xiinxallinuu…

Haylamaariyaam dhiifama gaafanneerra jechuun isaanii maal jechuu isaaniiti? Ammaan achiin hiriira nagayaa bahuun ni hayyamama jechuu isaanitii laata? Ammaan achiin Poolisiin Federaalaa ummata nagayaa karaarratti hin ajjeessu jechuu isaanitimoo? Namoota nagayaa ji’oota afran dabran keessatti du’aniif gumaa isaanii ni kanfala jechuu isaanitimoo? hidhamtoonni siyaasaa kumaatamaan lakkaawwaman ni hiikna jechuu isaanitimoo? Ummata lafa isaanii irraa buqqa’aniif beenyaan barbaachisaan kanfalamee akka balaa guddaa irra hin buune ni godhama jechuu isaanitimoo? maal jechuu isaanitii?? Dhiifama gaafanneerra jechuun alatti wantoota godhamuu qaban irratti wanti inni jedhe hin jiru. Akkanumatti ummata sobee dabruudhaaf yaadeera yoo kan ta’u taate namni kuni Sirbaafi Qiddaasee ( Waan waliin hin deemne lama) akka walitti makeetti ilaalama.

Dhimma kanarratti namoota tokko tokkoon waliin wayta mari’achaa turretti inni tokko ‘ Haylamaariyaam dhiifama gaafate diigee jira naan jedhe. Inni kan biraa immoo tarii namtichi kuni akka kanaan dura ‘ Asmaraa dhaqee Isaayyas waliin haasayuuf qophiidha’ jedhe sana, yaada dhuunfaa isaa ibsuun ni mala jedhe. Gama biraatin dhiifamni gaafatame kuni kan Mootummaan Ameerikaa dirqisiisee aangawoota TPLFtin fudhatama argatee akka Haylamaariyaamin ummataaf labsamu godhame kan jedhu oduun keessaa maddites ni ibsiti. Yoo dubbicha gadi qabnee ilaalluu, yaadota kennaman hunda keessaa, yaadni Dhiifamni amma gaafatame kun kan dhiibbaa Ameerikaanotaatin dhufe jedhu gara dhugummaatti ni dhiyaata.

Akka kanaan dura himamaa ture, Wayyaanen yeroo ammaa rakkoo hamaa keessatti kufuun isii waan shakkisiisuu miti. Yaada kana wantoota dhugoomsan keessaa tokko ‘ Oduu Mootummaadhaan Fincila Ummata Oromoo duuba ergamtoota Ertriraafi Gibxiitu jira jedhamee hafarfamaa ture san guutumatti dhiisuudhaaf dirqamuu isaaniti. Fincilli ummata Oromoo sababa dhabiinsa bulchiinsa gaarii irraa madde jechuun isaanis waan dubbi himaan mootummichaa Getaachaw Raddaa xinniqaa tureen walii faallaadha.

Dhugaadha, dhiifama Haylamaariyaam gaafate waliin walqabatee dhiibban Ameerikaa kan madaala kaasu ta’uun isaa dubbatamaa jira. Jaarsummaan Profesar Efreemin dhimma ‘’ NAGEENYA’ jedhuun walqabatee adeemaa jirus maal fide akka dhufu waan ofdura arguuf jirruudha. Yeroo tokko hoggantoota CUD ( Qinijjit) mootummaa waliin kan walitti araarsaa ture jaarsi kuni furmaanni yeroo sanattii argamsiise keessaa tokko gaggeessitoonni kuni akka biyyaa ba’an karaa banuu ture. Haaluma sanaan namoonni sunneen qabsoo itti ifaajaa turaniifi aarsaa guddaa itti kanfalan gatanii biyyaa bahuun akka hin deebinetti fagaatanii hafaniiru.Kuni Bulchiinsa TPLFtiif carraa guddaa ture.Erga aangawoonni Qinijjit biyyaa baqatanii Wayyaanen namoota kanneen akka Birtukaan Midhagsaafaa addatti argatee miidhaa guddaa irraan geessaa ture.

TPLF akka jarreen Qinijjit sana laamshessee balleesse sanatti Finciltoota Oromoo laamshessee qabsoo kana fashaleessuf yaadun isaa waan adeemsa irra jiruudha. Akka dhageenyetti mootummaan Itiyoophiyaa ummaticha dhiifama gaafatee hidhamtoota siyaasaa hiikuf erga Ameerikaanotaaf waadaa seenee bubbulee jira.Kuni garuu hamma ammaatti hojiitti hin hiikamne. Akka keessa beektotaatti namoota kumaatamaan manneen hidhaa kessatti guuraman keessaa kanneen qindeessitoota fincilichaa ta’uun malan jedhamanii yaadaman addaan baafatuu irratti xiyyeeffateera. Erga kana godhaniin booda namoota kanneenif karaa biyya gadi dhiisanii ittiin baqatan haala ni mijeessu jedhameeti eegama. Kana godhuun isaanii Fincila Xumura gabrummaa ummata Oromoo kana ni laamshessa, ni fashaleessa jedhanii yaadun isaanii muuxannoo kana dura qaban irraa kaanee yoo ilaalle dogongora tahuu dhabuun ni mala. Qabsaa’an dammaqeefi haalaan gurmaa’e yoo dirree qabsoo irraa isaanif fagaate Qabsicha guutumaan guututti fashaleessus baatan isaanif booqonnaa yeroo gabaabaas tahu ni kenna. Haa ta’u malee karoorri isaanii kun jagnoota akka Baqqalaa Garbaafii Iskindir Naggaa biyya isaanii baqatanii deemuu didan yoo argan fashalaa’a.

Qeerroon Oromoo shira wayyaanee kana hubachuu dhabuudhaan Baqannaa haaraa kanaaf yoo ka’an ‘ Namni Biyya Isaa Keessa hin jirre, Eessayyuu hin jiru’ akka jedhamu sana TPLFif Injifannoo guddaa ta’a. Baqattoonni fagorra dhaabbatanii qabsoo deeggaruun alatti tumsi qabataamaan isaan godhuu danda’an hin jiru.Dhageettin Ummanni Oromoo amma argate kuni baqattoota isiitin osoo hin ta’in Aarsaa Lubbuu ilmaan ishee qaqqaaliin kanfalaniini.Proofeesara Yunivarsitii Harvaard tokkorra Qotee bulaan Haramayaa tokko qabsoo kanaaf waan caalaa gumaachuu danda’a. TPLF Diyaaspooraa caalaa nama isa bira jiru gar malee sodaata. Kanaafuu namoota fincila kana haalaan irratti hirmaataa jiran akka biyya gatanii baqataniif gar malee haala ni mijeessa. Kanaafuu Lammiin Baqate kamiyyuu filmaata duraa wayyaanen lafa keessef akka fudhateefii aka sobame hubatuu qaba.

Torban dabre ‘ Yaadannoo Sanbataa’ koo keessatti waa’ee Proofeesar Efrem Yishaaq isiniif himeen ture. Yaadannoo koo sanarraa ka’anii xalayaa naaf barreessaniin ilaalchifi hubannoon ani waa’ee isaanii qabadhe sirrii tahuu dhabuu isaa naaf ibsaniiru. Haata’u malee akka isaan tilmaaman osoo hin ta’in ani waa’ee isaanii baay’es beekuu baadhu xinnos taatu nan beeka. Eessafi eennurraa akka dhalatan, eessatti akka dhalatan, eessatti akka baratan, eessatti maal akka barsiisan nan beeka. Darajja Dheeressaa namni jedhamu sirna bulchiinsa Haylasillaasee keessa waa’ee nama kanaa dinqisifachuudhaan waan ini barreesse dubbiseen jira. Sochii barattoota yeroo sanaa keessattis gumaacha ol’aanaa akka godhaa turan nan beeka. Wayta umrii dargaggummaa isaanittis qabsoo ummata gurraacha Afrikaa Kibbaatif tumsa gochuu isaaniis nan beeka. Ani wantoota kanneen hin irraanfanne. Kanaaf seenaan isaan hin irraanfatu, kanaafis ni galateeffamu. Proofesarichi biyya itti dhalataniif amanamoo ta’uu isaanitiin ala, isaanis akkuma kan koo biyya isanii akka jaallatan nin hubadha.

Proofeesar Efrem wayta mootummaan cee’umsaa hundaa’u Taammiraat Laayinee jajuudhaan ‘ Taammiraat Ijakoof Ajaa’iaba namaati, Ijumakoon Ajaaiba arge’ jedhaninii turan. Yeroo sana anis akka malee isaanif harka dhayeen ture. Taammiraatifii Mallas ammalli isaanii dhokataan ifa ba’ee yeroo gabaabaa keessatti wal lolu namni jedhee tilmaame hin turre. Jarreen kun waa’ee biyyaa dhiisanii Uffataafi Konkolaataa addaan filachuutti ni garagalu namni jedhee yaade hin jiru. Erga dhugaan addaan ba’ee namoota lameen kana eenyummaan isaanii baramees Proofesarichi firummaa wayyaanee isaanii itti fufaniiru, kunimmoo akka dhaabannee waa’ee isaanii xiinxallinu nu dirqisiisa.

Proofesarichi dhimma Ummata Oromoo ilaalchisee wayta Jaarsummaaf oliifi gadi kaatan dura dursani ‘ Nagaya’ jecha jedhuufi ‘ Nagaya Eenyuu?’ waan jedhu sirritti addaan baasutu isaanirraa eegama. Nageenya fiduuf sochii eegaluun dura ‘ Farri Nageenyaa eennu? Nageenya Biyyattiitif Gufuun guddaan eenyu?gaafilee jedhaniif deebii keennuutu isaanirraa eegama. Wanti gaarin kaleessa hojjachaa turan dogongora har’a hojjatuuf deeman akka hojjataniif hayyama isaanif kennuu hin danda’u.Ummanni Oromoo nagaya amansiisaa argachuudhaaf wareegama lubbuu kanfaluu akka qabu sirritti hubatee jira. Dhalootni ammaa ( Qeerron) waan tokko murteeffatee dhaadanoo ‘ Har’a waan tokko godhuu qabna, yoo kun ta’uu baate du’uu qabna’ jedhee kutannoon socho’aa jira. Kanaafuu, yoo danda’ame qabsoo nageenya amansiisaa gonfachuuf godhamu kana deeggaruudhaan ‘ Baga Kanaan Isin Gahe’ jechuutu nurraa eegama.

Dhugaadha nageenyi badooma hin qabu, waraannis gaaroma hin qabu mammaaksi jedhu fudhatama qabaachun isaa ni mala. Haati ilmoon ishee harkaa duutefi ilmi abbaan irraa ajjeefame gaddarra jiraachun isaanii garuu irraanfatamuu hin qabu.Gadda isaanii kana hubachuuf bakka isaanii san of keenyee ilaalutu nurraa eegama.Nagaya amanasiisaadhaaf jecha nagaya booressuun, waraana balleessuf jecha waraana labsun yeroo dirqama itti ta’utu jira. Jidduu kanatti lubbuun nama hedduu baduun ni mala. Osoo ta’uu baatee gaarii ture.Osoo namni hin wareegamin ummanni bal’aan nagaya hin argatu taanan kana godhuun dirqama ta’a. Osoo waraanan injifannoon kan argamus ta’ee gareen lameenuu miidhaan guddaan isaanirra gahuun isaa hin oolu. Nageenyi biraqabeessa .Fakkeenyaaf Zimbaabiweedhaaf nageenya duraaniitirra raata’a ammaattu isiif caala ta’a.Raata’a yeroo ammaa Zimbaabiwee keessatti uumameen ummanni dur abbaa lafaa turee ummata adiidhaan buqqa’anii turan kuma 300 ta’an Karra Egduummaafi mana bunaa dalagurraa bilisa bahanii abbootii lafaa ta’uu danda’aniiru.

Carraan hojii ilmaan oromootif lafa olkaayamaa jiru lafa akaakayyuufi abboota isaanii irraa buqqa’ani achumarratti karra eegdummaadhaan hojachuudha. Kanneen hamma ammaatti lafarraa buqqifamanis haaluma kanaan finfinnee eddoo adda addaatti dalagaa eegdummaatifii darabaa manaa ( barandaa) jala buluudhaan jiruu hadhaawaa gaggeessaa jiru. Namoonni kunneen yeroo muraasa dura abbootii lafaa turan.Lafa gabbataa qotanii jiraataa turan.

Ummanni Oromoo cunqursaafi hacuuccaa waggoota dheeraaf isarra gahaa ture mormaa daandii dheeraa adeemeera. Ba’aan garmalee itti hammaannaan, dhimma akka saba tokkootti jiraachufii du’uu itti taanaan gara hundaan dhoo’ee sagalee tokkoon ifatti ba’ee mootummaa gabroomsaa dura dhaabate. Osoo ijji isaa argitu namoonni inni hin beeyne, kan afaan isaanii hin hubanne wayta dhufanii lafa isaa irraa isa buqqisanii gurguratan yoo argu, kanaa mannaa jedhee du’a filate. Ummata afaan tokkoon sadarkaa kanarraan ga’e immoo ‘ Nageenya Biyyattiitif jecha’ jettee sossobuu hin dandeettu. Sin dhaga’u. Yeroo tokko itti aanaa DHDUO kan ture Ibraahim Malkaa sagalee ofii ol qabatee ‘ Itiyoophiyaan Oromoo hin taane bakka kudhanitti haa ciccittu’ jedhee ture. Ummatichis akkanuma siin jechuu danda’a.Kanaafuu Proofeesarichi faaydaa eenyutiif hojjataa akka jiran sirritti hubachuutu isaanirraa eegama. Tokkummaa Itiyoophyaatif? Ummatoota cunqurfamaniif?moo Garee takkittii biyya gabroomsee qawweedhaan biyya bulchaa jiru (TPLFf)? Deebin Isaanumaaf haa ta’u.


Barreefamoota hammaa ammaa dabraniifi Ragaa Jawaar Muhaammadiin dhiyaate qofa osoo bu’uureffannee hamma ammaatti, yoo xinnaate ilmaan Oromoo rasaasa Wayyaanetiin ajjeefaman 500ni ol ni ta’u. Kunumti mataan isaa Mootummaa wayyaanetiif kufaatii guddaadha.Nama kana hundaaf gumaa kanfaluun qaalidha.Kanfaltiin lubbuu ilma namaa daran qaalidha.Dhiheenya kana Haylamaariyaam masara mootummaa keessatti ilmoo ofii heerumsiisaa ture.Yeroma sanatti ilmaan Oromoo meeqaa meeqa dhiigni isaanii dhangala’aa maatin isaanii immimmaan jigaa ture.Dhugumaan haylamaariyaam yoo dhiifama gaafataniiru ta’e arifannaan gara raawwiitti galuu qabu ture.

Qabsoon fincila xumura gabrummaa ummanni Oromoo itti jiru erga jalqabee kaasee kan finiinaa adeemu malee kan xinnoomayyuu qabbanaawu hin argine. Ajandaa biyyatti isa duraa tahuu irraa duubatti hin jenne.Haylamaariyaam Onnee aangawoota isaanii isa jala jiran hubachuutu isarraa eegama. Tarii yeroo ammaa kana Abbaay Tsahayyeefi Sibihat Naggaa ‘ Xiqoo Obsi’ jechuunin ni mala. Ergasii yeroo isaanii eegatanii tooftaa biraa ummata ittiin fixuudhaan bulchiinsa isaanii itti fufaniin as baafatu. Dhimmi Araaraf, dhiifama jedhamu kuni akka yeroo ittiin bitatuufii ummata gowwoomsuu qofatti tajaajila jechuudha. Kana hubachuutu irra jiraata.

Dhumarratti waan tokko jedhee yaadakoo haa xumuru. Aarsafi wareegamni ummanni Oromoo kanfalaa jiru bilaasha miti.Kaayyoofi galma qaba.Wareegama dhaloota dhufuuf kanfalamaa jiruudha.Ummanni Oromoo Qabsoo finiinaa eegale daran cimsee itti fufuun ala carraa biraa hin qabu.Of duuba ilaalun ammallee waggoota dhibbaa dhufaniif gabrummaa jalatti isaan deebisuun ala faaydaa tokkoyyuu hin qabu.Wareegamas hin hambisu.Laffarraa buqqa’uufi baqannaas hin hambisu. Ummanni Oromoo ummata bal’aafi guddaa tahuu isaarraan kan ka’e ummatoota Itiyoophiyaa biroo qindeessee, gurmeessee gara bara gaariitti tarkaanfachiisuuf dandeettii ni qaba. Ummmata Oromootin ala Itiyoophiyaa biyyi jedhamtu hin jirtu.Ummata kana of bilisa baasuu irras dabree itti gaafatama guddaatu isa eeggata.Nageenya amansiisaa gonfachuuf qilleensa bilisummaa dhandhamachuuf gootummaadhaan waan isa mudataa jiru kana hunda keessa dabruu qaba. Kanas godhuu ni danda’a. Bareechee danda’a. Seenaan ummata qabsaayee gabrummaa jalaa bahee hundi kan nutti himu isuma kana!


 

Kan Hiike – Hiwi Elona


 

©BeekanGuluma Erena, 2016

 

 

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

One thought on “DHIIFAMA moo NAGEENYA?

  • April 8, 2016 at 4:11 pm
    Permalink

    The questions of Oromo people are:
    1 TPLF Should leave oromia
    2. OPDO never represent us
    3 AFAN OROMO should be federal language
    4 Addis Abeba should be capital city of oromia and should be ruled under oromia regional state and all government High-schools should with AO and AO
    5 OLF is the party that represent us
    So can negotiations of prf 100% answers all these and other Oromo people questions? If not please know that todays Oromo people are not as full as u may think and don’t full ur self. Our GOAL is LIBRATION

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.