BISHAANTU RASAASA TA’E!

yosefYooseef Hambaa Tolaa

 

BISHAANTU RASAASA TA’E!

 

Akka barruun tokko marsaayitii http://www.worldwildlife.org/ irraa jedhutti dacheen irra jiraannu kun persentii 70 qaama bishaaniin aguugamtee argamti. Haa ta’u malee, kan nuti dhugaatii, jal’isii fi hojii garagaraaf fayyadamnu persentii 3 qofaadha. Kanneen hafan bifa cabbiin kan jiran yookaan kan nuti itti fayyadamuu hin dandeenyeedha. Kana irraan kan ka’e addunyaa kana irraa namooti biliyoona 1.1 bishaan ga’aa hin argatani. Namooti biliyoona 2.7 immoo yoo xiqqaateef waggaatti baatii tokkoof hir’inni bishaanii isaan mudata. Sababa qulqullina dhabiinsa bishaaniitiin immoo namooti biliyoona 2.4 dhukkuboota garaagaraa kanneen akka koleeraa, taayifoodii, fi dhukkuboota biraa faalamuu bishaanii irraa ka’aniin hubamaniiru. Waggaa waggaan ijoolleen miliyoona lama (2) ta’an dhibee garaa kaasaatiin addunyaa kana irra boqochaa jiru. Kanaafuu, rakkoon qulqullina dhabiinsa bishaanii irraa dhufu addunyaa kana irratti keessumaa ijoollee abdii boriif (ol adeemtotaaf) hedduu sodaachiseera.

Yaadi barreeffama ‘Rebecca Shore’ kan “thewaterproject.org” keessatti barreeffame irraa fudhatame akka ibsutti; gogiinsii fi haalli siyaasa Itiyoophiyaa warreen lamaan hir’ina bishaan biyyattiif sababa ta’aniidha. Akka qorannoon godhames water.org irratti ibsuttis persentii 42 qofaatu bishaan ga’aa argata, isaan keessa kan bishaan qulqullina qabu argatu persentii 11 qofa jedha. Garuu, naannoo baadiyaatti persentiin kun kanaa gaditti gadi bu’uun namoota baadiyaa fi beeyilada isaanii rakkoo fayyaaf saaxilaa akka jiru dubbata.

Kanneen argaa jirru kun kan addunyaan beektuu fi qorattee bira geesseedha. Kana keessatti dadhabinni mootummaa fi dhiibbaan uumamaa maal akka ta’e salphaatti mul’achuu danda’a. Dhiibbaa uumamaa kan jenne bakkeewwan biyyattii tokko tokko jalqabumaan gammoojjii kan turaniidha. Kun akkasumaan ta’ee osoo jiruu bakkeewwan baay’een immoo akka gammoojjiitti jijjiiraman kan godhe eenyu kan jedhuuf deebiin mootummaadhuma biyyattiiti.

Mootummaan Itiyoophiyaa investeroota jechuun naannoo baadiyaatti ergee akka jiruun bosona cirsiisee fixaa jira. Kunis ka’umsa gammoojjiif sababa guddaa ta’eera. Investeroonni kun illee bakka lafa qotee bulaa saamanii irraa oomishan sanatti bishaan ummata sana gargaaru illee dhiyeessuuf fedha hin qabani. Tajaajila bishaan qulqulluu argachuu ilaalchisees dadhabinni guddaan kan mootummaa biyyattiiti. Mootummichi dhimma siyaasaa daldaluuf maallaqa ga’aa qaba, garuu dhimmi midhaan nyaataa fi bishaan qulqulluu dhiyeessuun gaafa ka’u maallaqa hin qabu. Meeshaalee ammayyaa kanneen jiru jedhaman bitee lubbuu lammiilee Itiyoophiyaa keessumaa ummata Oromoo fixuuf maallaqa hedduu baasaa jira.

Kan addunyaan qorattee hin argine biyya Itiyoophiyaa keessatti bishaan rasaasa yookaan meeshaa waraanaa ta’ee argamuusaati. Fincilaa fi gaaffii mirgaa sabni Oromoo kaase irratti mootummaan biyyattii adeemsa haaraa hedduu baafateera, akkasumas baafachaa jira. Rasaasaan namoota hedduu fixeera, baay’ees madeesseera, qaamas hir’iseera, jumilaanis mana hidhaatti guyyaa guyyaan guuraa jira.

Namoota kana hundaa irraa hafanii mana isaanii jiran irratti immoo adabbii bishaan dhugaatii fudhatee jira. Lammiilee Itiyoophiyaa akkuma addunyaan karaa foddaa TV fi marsaayitii isaanii daawwachaa jiran balaa beelaatiin rukutamaniiru. Kanatti dabaluun saba karaa nagaa mormii isaa dhiyeessaa jiru adabuuf mootummaan biyyaattii ujummoo bishaan dhugaatii dhiyeessu biyyattii keessa kutee jira. Kessuumaayyuu magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee teessuma Afirikaa taate keessattillee rakkoon kun mudatee jira. Sababa kana irraan kan ka’e sabni keenya akka jiruun corroqa waraabee dhugaa jira. Beeyilada isaanii waliin boolla tokko keessaa bishaan qulqullina hin qabne dhugaa jiru. Kanumayyuu argachuuf baay’een namootaa adeemsa dheeraa deemu. Qorannoon addunyaa kana irratti adeemsifamaa jiru bishaan ga’aa ta’ee fi qulqullina qabu akkamitti ummataaf dhiyeessina kan jedhuudha. Faallaa isaa immoo mootummaan Itiyoophiyaa haguma qabuyyuu ummata irraa kutuun bishaan akka rasaasaatti fayyadamee lammiilee keenya fixaa jira.

Mormii ummati Oromoo mirga abbaa biyyummaaf taasise kun mootummaa Itiyoophiyaatti madaa isaa waan bal’iseef bakkeewwan Oromiyaa kaabaa, kibbaa, bahaa, dhihaa fi giddu galeessaa adabbii bishaan dhugaatii jala jiru. Kanas mootummaan sababa baay’eef godhe: Tokkoffaa, al-kallattiin sabni Oromoo dhukkuboota bishaanirraa maddaniin akka dhumaniifi. Ummati keenya gaafa waan butu dhabu adeemsa dheeraa deemee corroqa waraabee fayyadamuu waan eegaluuf. Kunimmoo waanuma ta’aa jiruudha. Ragaaleen manneetii yaalaa magaalaa Gobbaa, Baalee irraa dhiyaachaa jiranis yaada kana sirriitti deggeru. Akkasumas ol adeemtoti (daa’imman) bor mootummaa kana morma hudhanii qaban akka salphaatti dhumaniifi.

Kan lammataa immoo yaada namootaa kanaan borjaajessee qabsoo boba’aa jiru dhadhabsiisuufi. Inni sadaffaa fi dhokataan immoo rakkoo bishaan dhugaatii qabna jechuun maallaqa biyya alaa irraa kadhatee meeshaa waraanaa ittiin bitachuufi. Kana immoo kan dhogoomsu mootummaan biyyattii sababa mormii irratti adeemsifamaa jiruun maallaqa hedduu qisaasessee fixeera. Kana hundaa bakka buufachuuf halkanii fi guyyaa karaa maallaqa kadhatu qopheeffata.

Fala Ummata Keenyaaf:
1. Bishaan dhugaatiif naannoo irraa waraabbattanii argattan kana sirriitti danfisaa itti fayyadama,
2. Qoricha/daawaa lubbu qabeeyyii xixiqqoo bishaan keessa nama miidhan ajjeesuu danda’u mana yaalaatii bitaatii itti naqaa,
3. Ummanni baadiyaa bishaan lagaa waraabbattan wal tumsaatii bishaanichas naannoo isaas sirriitti qulqulleessaa,
4. Bool’a beeyiladi keessaa dhugduu fi kan namaa dallaa itti ijaaruun gargar baasaa,
5. Ummati baadiyaa bool’i bishaan keessanii naannoo lagaa/boosona keessa ta’e daandii bineensota bosonaa bishaanicha irraa maqsuu yaalaa. Sababnisaa guyyaatti irra deemuun bishaan isin jalaa waan booressaniif.
6. Warri dandeessan immoo bishaan bool’aa (Biirii) mana keessan biratti qotadhaa! Yoo dhuunfaan ulfaate illee akka ollaa jirtanitti wal gurmeessaa bool’a tokko qotadhaa. Bishaan bool’aa kana gaafa qotachuuf karoorsitan immoo akka inni naannoo mana fincaanii fi bool’a awwaalaa irraa fagoo yookaan walaba ta’e sirriitti mirkaneessaa!
7. Karaa danda’ameen ol adeemtonni keessan dhibee bishaan irraa dhufuun akka hin miidhamne yaalii dandeessan godhaa.

Bishaan qofaa osoo hin taanee mootummaa jibbamaan kun tajaajila hedduu ummata keenya irraa kutee dararaa jira. Tajaajila akka Ifaa (humna ibsaa), bilbilaa, miidiyaalee ummataa (face book, what’s up, viber, messenger, fi k. k. f.) cufuun qabsoo saba Oromoo laaffisuuf yaalaa jira. Ofumaa mukaa fi jirmatti bu’aa oola malee kana booda mootummaan kun saba Oromoo hin danda’u. Kan kabajaan aangoo gadi dhiisuu dides salphinaan bool’a isaaf qophaa’e seena. Kun immoo har’a bor hin jennu sabuma Oromootu dhangaa xumuraa nyaachisa.

Barichi bara itti “Jaarkaaniin bishaanii” iyyuu wayyaanee jibbee hiriira nagaa itti ba’eedha. Qodaan bishaanii manaa duwwaa ta’uu irra jedhee wayyaanee bishaan rasaasa godhe kana balaaleffachaa jira. Akkasumas qodaan bishaanii corroqa lagaa waraabamu hin baadhu jedhee iyyataaf daandiitti waan ba’e fakkaata. Kun hunduu amalaa fi gocha mootummaa abaaramaan kun saba keenya irratti raawwachaa jiru salphaatti nu hubachiisa.

 

 

bishan

Barri itti bishaan qulqulluu fi bilisummaa dheebotan dhuganii qabbaneeffatan Saba Oromoof dhufaa jira. Bilisoomuun Saba Oromoo darbee sabaa fi sab-lammoota Itiyoophiyaa cunqursaa mootummaa wayyaanee jala jiraniifiyyuu dungoo ta’a. Mootummaa wayyaaneef immoo awwaala xumuraa ta’a.
Qabsoon itti fufa!
Injifannoon Saba Bal’aa Oromoof!

Yooseef Hambaa Tolaa
Bitootessa 26, 2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

Leave a Reply

Your email address will not be published.